Buufataalee osoo boba’aan jiruu gatiin dabaluu mala jechuun dhoksanirratti tarkaanffiin ni fudhatama – Dooktar Kaasaahuun Goofee
Finfinnee, Waxabajjii 14,2017 (FMC) – Buufataalee osoo boba’aan jiru gatiin dabaluu mala jechuun hin jiru jedhan hordofuun Mootummaan tarkanffii ni fudhata jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofeen.
Buufataaleen gatiin dabaluu mala jechuun boba’aa dhoksan jiraachuu eeruun, gatiin boba’arratti taasifamu kan hin jirre ta’uu Dooktar Kaasaahuun Goofeen Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Mootummaan baatii Caamsaa irra eegalee deeggarsa boba’aa dhaabuu himuun, gatiin boba’aa akkaataa gaba Addunyaan kan murteeffamu ta’uu hubachiisaniiru.
Haaluma kanaan Caamsaa 1,2017 irraa eegalee gatiin beenzilaa fi boba’aa jeettii, Caamsaa 27, bara 2017 irraa eegalee ammoo naafxaa adii fi oomishaalee boba’aa biroorratti deeggarsi taasifamaa ture ka’uun gatii boba’aa addunyaatiin akka raawwatamu taasifameera.
Guyyoota muraasaa as odeeffannoon gama Miidiyaa hawaasaatiin akka mootummaan deeggarsa taasisaa ture hin kaafneefi taaksii haaraa gabaa boba’aarratti dabaluuf jedhuun tamsa’aa jiru dogogora jedhan.
Buufataaleen boba’aa gatiin boba’aarratti taasifamuu kan hin jirre ta’uu hubachuun tasgabbiin bittaaf gurgurtaa akka raawwatan hubachiisaniiru
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.