Fana: At a Speed of Life!

Bu’ura Cimaa Biyya Jabduu – TKM

Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) – Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Qaammee 1 guyyaa Cichoominaa ilaalchisee ergaa dabarseera.

Qaammeen 1 Har’i guyyaan Cichoominaa mata duree ‘bu’uura cimaa, biyya cimtuu’ jedhuun kabajamee oola.

Dhiigaa fi Lafee abbootiin cichoomtee kabajamtee kan jiraatte Itiyoophiyaan, sadarkaa fooyya’aarra geessee caalmaatti kabajamtee akka jiraattu boqonnaa imala haaraatti argamti jedhe.

Itiyoophiyaan biyya qormaatilee hunda cichoominaan ceetu, biyya gootooti seenaa hojjetaniit jedhe ergaa isaan.

Gootoota seenaa hojjetan lubbuun wayita jiraataan Itiyoophiyaanoota wayita wareegaman ammoo Itiyoophiyaa ta’uun kan mul’isaan ijoollee qaqqalii biyya qabduudha.
Itiyoophiyaan waggoottaniif rakkoolee fi qormaatileef osoo hin jilbiiffatin turte.

Barii injifannoo Adwaa dhibeen horii fi gogiinsi walitti bu’iinsa wal waliinii wal tumsuun qoraa turan.

Bara sanas cichoominaan biyya seenaa haaraa hojjette biyya jabduudha jedhe.

Hidha Haaromsaan duras boodas qormaatilee biroo dabarsuun seenaa haaraa hojjette.

Gogiinsi, Lolaan, Waraanni, Weerrarri Kooviid -19, Weerarri hoomaa awwaannisaa, sigigni lafaa, dhiibbaan Dippiloomaasii, shirri diinoonni seenaa xaxan hundi qormaatilee ishee turan.

Itiyoophiyaan qormaatilee kanneen hunda cichoominaan ce’uun biyya jabduu bu’uura cimaa qabdu ta’uu biyya mirkaneessiteedha.

Gootoota waa’ee biyyaaf waltumsu, lubbuu ofii gammachuun wareegu, qormaatilee dachee murannoon dandamatu, biyya jabduu bu’uuraa cimaa ijaaruun itti fufsiisuuf tattaafatu qabduudha jechuun ibse.

Itiyoophiyaan carraaqqii, jaalalaa fi oolmaa ilmaan ishee kanneen yoomiyyuu hin dagattu jechuun ibse.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.