Bu’uuraaleen misoomaa daandii imala badhaadhinaaf deeggarsa olaanaa taasisaa jira- Aadde Caaltuu Saanii
Finfinnee, Hagayya 20, 2017(FMC)- Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin bu’uuraaleen misoomaa daandii misooma gama maraa saffisiisuufi imala badhaadhinaaf deeggarsa olaanaa taasisaa jira jedhan.
Yaa’iin Damee Daandii biyyaalessaa mata duree “ Waloon Itiyoophiyaa haa ijaarru” jedhuun magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa jira.
Aadde Caaltuu Saaniin waltajjicharratti akka jedhanitti, ijaarsi daandii dameewwan bu’uuraalee misoomaa mootummaan xiyyeeffannoo kenneef keessaa tokko.
Pirojektiiwwan daandii bakkeewwan hundatti hojjetaman daandiirra darbee ulaa gabaafi qaroominaa ta’uus ibsaniiru.
Qaamoleen qooda fudhattootaa hundi pirojektiiwwan ijaarsa daandiif deeggarsa barbaachisaa taasisuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad gamasaaniin, yaa’ichi guddina biyya keenyaaf gahee olaanaa kan qabu misooma daandii irratti gaggeeffamuun isaa faayidaa guddaa qaba jedhan.
Naannichatti daandii dabalatee hojiileen ijaarsa bu’uuraalee misoomaa hojjetamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.
Beezaawwit Kabbadaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.