Fana: At a Speed of Life!

Bu’uurri guddina biyyaa dhaloota barsiisuufi diinagdee gurmeessuudha- BBO

Finfinnee, Hagayya 3, 2017 (FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma barnootaa irratti hojii hojjechaa jiruun dhaloota dandeettii, gahumsaa fi beekumsaan utubuun sadarkaa hundati dorgomummaa lammiilee mirkaneessuuf hojjechaa jira.

Karoora gama kanaan qabame milkeessuufis waliin gahiinsaa fi qulqullina manneen barnootaa fi dandeettii Barsiisootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon kenname hojjetamaa jira.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa rakkoo dandeettii dubbisuu, barreessuu fi shallaguu barattootaa furuuf barsiisota manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kutaa 3-5 barsiisaniif leenjii kennuu eegaleera.

Bu’uurri guddina biyyaa dhaloota barsiisuufi diinagdee gurmeessuu dha jedhan Hogganaa Itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Bultoosaa Hirkoon.

Qulqullina barnootaa eeguun jijjiirama biyyaatiin eegalte galmaan gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Kaayyoon leenjii kanaas Barsiisoonni gahumsa, kaka’umsaa fi dandeetti horataniin dhaloota akka qaraniif kaayyeffatee kennamaa jiraachuu himuun. rakkoo barreessuu, dubbisuufi shallaguu irratti mul’achaa jiru furuufi jedhan.

Leenjiin kun marsaa1ffaan barsiisota kuma 27 oliif Hagayya 3/2017 irraa eegalee wiirtuu leenjii sagal irratti guyyoota shaniif kan kennamu yoo ta’u waliigalatti marsaa sadiin barsiisoota kuma 54 oliif kan kennamu ta’uun ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.