Bu’uurri Itiyoophiyaa deeggartummaarraa baasuuf dandeessisu kaa’ameera- Dooktar Laggasaa Tulluu
Finfinnee, Hagayya 27, 2017 (FMC) – Waggoottan torban darban damee hedduun hojiilee hojjetamaniin bu’uurri Itiyoophiyaa deeggartummaarraa baasuuf dandeessisu kaa’ameera jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.
Ministirichi dhimmoota waaqtawaa irratti ibsa miidiyaaleef kennaniiru.
Ibsa isaaniin, waggoottan torban darban adeemsa misoomaa fi ijaarsa dimookiraasii hirmaachiisaan inijifannoo hedduu galmeessineerra jedhan.
Riifoormii mandhaleen durfamuu, oomishtummaa guddisuu akkasumas walabummaa nyaataa mirkaneessuuf milkaa’inni qabatamaan galmaa’uu dubbatan.
Bara baajata xumurame sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun oomishaalee alaa galaa turan kan biyya keessan bakka buusuu fi daldala alaa guddisuun danda’ameera jedhan.
Fooyyeessii diinagdee gooroo hojiirra oolchuun dameen dhuunfaa
diinagdeerratti akka hirmaatu taasisuu, Ashaaraa Magariisaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaan hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasaniiru.
Hidha Guddicha Haaroomsaa ilaalchisee dhiibbaa Mootummoota Gamtoomaniin gahaa ture qolachuun danda’amuu eeruun, yaaliin Hidhichi akka hin xumuramneef taasifamaa ture fashalaa’uu hubachiisaniiru.
Ogummaa fi tooftaa mootummaa akkasumas qindoomina ummataan hidhichi ijaarame xumuramuun seenaan hojjetameera jedhan.
Miikiyaas Ayyalaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.