Fana: At a Speed of Life!

Bu’uurri misooma Elektirikaa waggoottaan 15’f tajaajila osoo hin kenniin ture komii hawaasaa ta’e

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2017 (FMC) – Godina Buunnoo Beddellee aanaa Boorechaatti Bu’uurri misooma Elektirikaa hojjetamee xumuramuun waggoottaan 15’f tajaajila osoo hin kenniin ture komii hawaasaa ta’e.

Bara 2002 hojiin diriirsa bu’uura misooma tajaajila elektirikaa xumuramuus hanga ammaatti tajaajila kennuu akka hin eeggale jiraattoonni aanichaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinitti himaniiru.

Bu’urri misoomaa kun tajaajila osoo hin eegalan waggoota 15 turuu hordofee tajaajilaa ala ta’aa jiraachuu dubbatan.

Bu’urri misoomaa baasii hedduun itti bahe kun tajaajila tokko osoo hin kennin deebi’aa barbadaa’uun baay’ee nama dhukkubsa jedhan jiratatoonni kunneen.

Bu’uricha tajaajila eegalchiisuuf tattaaffiin godhamus namoota dhuunfaa muraasa waliin waliigalamuu dadhabuu hordofee rakkicha furuu hindandeenye jedhan Daayrektarri Tajaajila Elektirikaa Damee Mattuu obbo Dabalaa Fiqaaduun.

Qabeenyi hedduun barbadaa’uu eeruun, hojii deebisanii misoomsuun rakkicha furuuf ni hojjetama jedhan.

Maddi rakkichaa hanna galteewwan bu’uuraalee misoomaarratti taawwatame ta’uu Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaatti Hojii Gaggeessaa Itti Aanaan Damee Oromiyaa obbo Girmaa Walqabaan ibsaniiru.

Aanichaaf kan barbaachisu Tiraanisfoormara abbaa Kiiloo Vooltii 15 ta’ee osoo jiruu abbaan Kiiloo Vooltii 30 dogoggoraan dhaabbachuunis madda rakkichaa ta’uu eeran.

Bara baajataa itti aanu saffisaan rakkicha furuuf kan hojjetamu ta’uu kaasan.

Maartaa Geetaachootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.