Cabiinsa diinagdeerraa gara dandamachuutti
Finfinnee, Mudde 20, 2018 (FMC) – Fooyya’iinsa diinagdee gooroo guutuun dameewwan garaagaraan bu’aawwan qabatamaafi guddina waaraa galmeesse jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Fooyyessichi diinagdee dorgomaaf bu’uura cimaa kaa’uus ibseera.
Fooyyessii diinagdee kanaan rakkooleen caaseffamaa diinagdee waggoottaniif turan sadarkaa sadarkaan akka furamaniifi diinagdeen cimina keessoofi addunyaa waliin hidhata qabu akkasumas gabaarratti dorgomaa ta’e akka ijaaramuuf haalli mijataan uumamuu eereera.
Guddinni diinagdee kun sadarkaa olaanaan akka saffisuuf qaala’iinsa gatii tasgabbeessuu, kuufama sharafa alaa guddisuu, oomishaalee bakka bu’oo jajjabeessuu fi invastimantii haaraa hawwachuu irratti fooyya’iinsi taasifame milkaa’inoota gurguddaa galmeessisuu hubachiiseera.
Mootummaan cabiinsa diinagdee suphuufi akka dandamatuuf tarkaanfiiwwan gurguddoo; shallagni sharafa alaa gabaan akka hogganamu gochuufi maallaqni Itiyoophiyaa gatii sirrii akka argatu taasisuu ibseera.
Hojii gama Kanaan hojjetameen sharafni alaa Kanaan dura karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture karaa seera qabeessaan gara baankii akka seenu taasisuun dhaabbilee invastimantii sababa hanqina Doolaaraan cufamuuf fiixeerra gahanii turan gara hojiitti akka deebi’aniifi diinagdeen rakkoo keessaa bahee akka dandamatuuf hojii bu’aa qabeessi hojjetamuu yaadachiiseera.
Hojiilee ijoo mootummaan raawwate keessaa tokko idaan alaa akka haqamuu fi siiqiinsi akka taasifamu marii milkaa’aa godhameedha jedhe.
Kanaanis Itiyoophiyaan ammaan dura liqaawwan fudhatte kan dhalli guddaan itti kaffalamuu fi yeroo gabaabaa keessa kaffalaman Koomeershaal Loonii ta’uu isaaniin biyya qormaata olaanaa keessa galchee tureera.
Mootummaan rakkoolee kanneen furuuf biyyoota liqeessitootaa fi dhaabbilee faayinaansii waliin marii bu’aa qabeessa taasiseen Idaa Doolaara biiliyoona 4.5tti hiiquu fi siiksuun danda’amuu tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa himeera.
Kanaanis biyyattiin qabeenyi idaa alaaf kaffalaa turte hir’achuun kuufamni sharafa alaa guddachuu fi hojiilee misoomaa guutuu Itiyoophiyaatti hojjetamaa jiraniif ooluu,akkasuma dhaabbileen faayinaansii caalmaatti akka ciman taasiseera jedhe.
Hundaa ol fooyyessi diinagdee gooroo hojiirra oole yaa’insa Invastimantii alaa guddisuun sirni sharafa alaa ifaa fi tilmaamamuu danda’u akka jiraatuu gochuu ibse.
Amantaan Abbootii qabeenyaa alaa akka guddatu, kaappitaalli gara biyya keessaa seenu akka dabaluu fi guddinni diinagdee hundagaleessi akka jiraatu taasisuu hime.
Waliigalaan fooyyessi godhame biyya kufaatirraa kan baraare, kuufama sharafa alaa guddisuu, guddina diinagdee dabaluu, hawaasa daldalaa idil Addunyaa waliin hariiroo jiru gara boqonnaa haaraatti ceesisuu eere.
Bu’aaleen argaman akka waaroman daldala alaa guddisuu, oomishaalee bakka bu’oo fi oomishtummaa dabalaan toora xiyyeeffannoo ijoo mootummaa ta’uun itti fufu jedheera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.