Caffeen Muudamoota garaagaraa raggaasisuun yaa’ii isaa xumure
Finfinnee, Adoolessa 13,2017 (FMC) – Yaa’iin idiilee 9ffaa waggaa 4ffaa bara Hojii Caffee 6ffaan guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture mudama dhiyaateef raggaasisuun xumurameera.
Yaa’ichaan gabaasni raawwii karooraa hojiiwwan qaama raawwachiistuu bara 2017, gabaasni raawwii hojii waggaa bara 2017 fi kallattiin karoora hojii bara 2018 dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Guyyaa xumura yaa’chaa irratti gabaasni raawwii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Waajjira Odiitara Muummichaa Oromiyaa dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Baajata dabalataa bara 2017 fi baajata bara 2018 raggaasiseera.
Dhumarrattis muudama dhiyaate raggaasisuun xumureera.
Haaluma kanaan
1.Aadde Masarat Asaffaan Hoggantuu Biiroo Lafaa Oromiyaa.
2.Dooktar Yashii Jimaa Hoggantuu Biiroo Daldalaa Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.