Fana: At a Speed of Life!

Calcaliitti Pilaazaan tajaajila ummataaf ijaarame eebbifame

Finfinnee, Bitootessa 27, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinnee Calcaliitti Pilaazaan tajaajila ummataaf ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’e.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Pilaazaa lafa hektaara 1.3 irratti ijaarame eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.

Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin “Galgala kaleessaa, pilaazaa bareedaafi hawwataa ta’ee lafa hektaara 1.3 irratti Garee Invastimantii MIDROC’n uummataaf ijaarame eebbifnee tajaajilaaf banaa gooneerra” jedhan.

Hojiiwwan misoomaa magaalaa Finfinnee kabajaafi fayyadamummaa dhala namaa kan mirkaneessan, dhibbaa jireenyaa kan salphisaniifi walitti dhufeenya hawaasummaa kan cimsanidha jedhaniiru.

“Tarsiimoo misoomaa mootummaa hordofuun, sektarri dhuunfaas ariitii fi kaka’umsa guddaadhaan nu waliin hojjechaa jira” jedhan Kantiibaa Adaanech.

MIDROC qabiyyee dhuunfaa isaa keessaa lafa hektaara 1.3 murteessuun misoomsee tajaajila uummataatiif oolchuun isaa ilaalcha haaraafi jijjiirama guddaa waan ta’eef; akkasumas misooma qarqara bishaanii irrattis nu waliin waan hojjeteef, maqaa jiraattota magaalaa keenyaafi maqaa kootiin galata guddaan galcha jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.