Fana: At a Speed of Life!

Carraa Ayyaanni Irreechaa bu’aa diinagdeefi hawaasummaa fiduuf qabu qixaan itti fayyadamuuf hojjetameera- Aadde Jamiilaa Simbiruu

Finfinnee, Fulbaana 22, 2018(FMC)- Carraa Ayyaanni Irreechaa bu’aa diinagdeefi hawaasummaa fiduuf qabu qixaan itti fayyadamuuf hojjetameera jedhan Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruun.

Aadde Jamiilaa Simbiruun kabaja Ayyaana Irreechaa bara kanaa ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ayyaana Irreechaa duudhaa isaa eegsisuun alatti ayyaanicha bu’aa diinagdeefi hawaasummaa keessatti humna inni qabu qixaan itti fayyadamuuf hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.

Marii Uummataa, hojii qophii Iddoo, loojistikiifi keessummeessaa, Baazaariifi Egzibiishinii Irreechaa, Agarsiisa Aadaa, Fooramii Irreechaa 7ffaa, Bareedduu Irreechaafi Konsartiiwwan Irreechaa qophaa’uun ayyaanicha caalmaatti balballoomsuuf hojjetamaas kaasaniiru.‎

Haala kabaja ayyaanichaarratti kutaalee Hawaasaa Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, maanguddoota biyyaa, dargaggoota, jiraattota magaalaafi baadiyaa miiliyoona 17 ol ta’an waliin sadarkaa biyyaa irraa hanga gandaatti mari’atamuus eeraniiru.

Hirmaattota ayyaanichaatiif tajaajilli loojistiksii mijataan akka jiraatuuf hojii bal’aan hojjetamuus ibsaniiru.‎

‎Aadaa keessummaa simachuu Oromoo caalmaatti guddisuuf dhaabbilee tajaajila tuurizimii qopheessuuf bal’inaan hojjetamuu dubbataniiru.

Ayyaanicha Sabaafi Sablammoota biyya keenyaa hunda irraa dhufanii nu waliin kabajaniif sirni simannaa gahaan geggeeffamaa jira jedhan.

Keessummoota biyyoota ollaa Keeniyaa, Somaaliyaafi Jibuutiirraa waamichi taasifamuu kaasanii, guyyaa har’aa Finfinnee seenuurratti argamu jedhaniiru.

Malkaawwan Irreechi irratti kabajaman 250 gahuunis ibsameera.

Guutaa Owwaataatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.