Chaayinaan bara Faranjootaa 2025 seenaa keessatti galii alaa olaanaa argatte
Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Chaayinaan bara Faranjootaa 2025 seenaa keessatti galii alaa olaanaa argadheera jette.
Biyyattiin bara xumurame kana Doolaara Tiriliyoona 1 ol galii alaa argachuun riikkardii haaraa galmeessutu ibsame.
Dhiibbaaleen garaagaraa jiraatanis Chaayinaan bu’aa olaanaa argachuu ishee ibsite.
Chaayinaan oomishaalee alaa galchitu caalaa kan alatti ergitutu caala. Kunis addunyaarraa isa olaanaa ta’uu ibsame.
Bara Faranjootaa 2025 Doolaara Tiriiliyoona 1 ol yoo argattu, bara 2024 ammoo Doolaara biiliyoona 900 fi biiliyoona 93 arattee turte.
Biyyattiin Kibba Baha Eeshiyaa, Afrikaa fi Laatiin Ameerikaatti baay’inaan meeshaalee ishee ergiti.
Wayita Daldalli Addunyaa qormaata keessatti kufetti Chaayinaan Daldala Alaarraa galii olaanaa argatte jedhan Itti Aanaan Daayrektera Gumrukaa Chaayinaa Waangi Juun.
Keessattuu biyyoota Kibba Eeeshiyaa dabalatee Afrikaa fi Awurooppaan fedhiin oomishaalee Chaayinaaf qaban dabalaa jiraachuu dubbatan.
Bara haaraa kanattis milkaa’inni Chaayinaa caalmaatti cimee itti fufa jechuu isaanii ‘CGTN fi Global Times’ gabaasaniiru.
Oomishaalee fi tajaajilli Chaayinaa gabaa Addunyaa keessatti qooda olaanaa bahachaa jira jedhame.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.