Chaayinaan meeshaalee waraanaa haaraa ifoomsite
Finfinnee, Hagayya 28, 2017(FMC)- Waraanni Chaayinaa agarsiisa loltummaa guyyaa har’aa dhiyeesseen meeshaalee waraanaa haaraa ifoomseera.
Biyyattiin har’a guyyaa yaadannoo injifannoo waggaa 80ffaa kabajaa jirti.
Agarsiisa kanarratti Pireezidaantii biyyattii Shii Jiinpiingi, Pireezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin fi Hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Uun dabalatee hoggantoonni biyyoota 26 fi dhaabbilee idil-addunyaa argamaniiru.
Hoggantoonni Chaayinaa, Raashiyaafi Kooriyaa Kaabaa yeroo jalqabaaf waltajjii tokkorratti wal arguunis ibsameera.
Agarsiisa loltummaa kanarratti Chaayinaan misaa’eloota baalaastikii haaraa, dirooniiwwan gurguddoo bishaan keessa socho’uu danda’an fi meeshaalee waraanaa biroo ifoomsiteetti.
Misaa’eloonni DF-5C, DF-26D, DF-61 jedhamaniifi misaa’eloonni baalaastikii biyya qaxxaamuruu danda’an meeshaalee waraanaa haaraa agarsiisa kanarratti dhiyaatan ta’uun eerameera.
Pireezidaantiin biyyattii Shii Jiinpiingi agarsiisicharratti, biyyi isaanii warreen humna qabna jedhaniif kan hin jilbiinfanne, humna kamiinuu kan hin injifatamne ta’uu ibsuusaanii RT’n gabaaseera.
Chaayinaan tibbana Fooramii Tumsaa Shaangaay fi Inisheetiivii Bulchiinsa Addunyaa keessummeessuun ishee ni yaadatama.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.