Ciccituu Daandii Asfaaltii Hawaasa Komachiise
Finfinnee, Hagayya 7, 2017(FMC) – Daandiin Aspaaltii guddichi magaalaa Dodolaa fi Roobęe Baalee walquunnamsiisu ciccituun hawaasaafi konkolaachiftoota komachiise.
Daandiin kun ciccituun yeroo hojii isaanii fi qabeenya miidhaa akka jiru jiraattonni kunniin ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa sababa rakkina daandichaan qabeenyi isaanii tajaajilaan ala ta’uu fi baasii dabalataaf nu saaxileen komatan.
Daandichi qabeenya miidhuun alattis balaawwan hedduu qaqqabsiisuu dubbataniiru.
Rakkoon kun akka furamuuf irra deddeebiin iyyatanis furmaata argachuu akka hin dandeenye eeran.
Rakkoon daandii kun Oomishaafi Oomishtummaa fi misooma Tuurizimii naannawichaa irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuus himaniiru.
Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itiyoophiyaatti Daayreektarri Daandii Neetworkii Damee Shaashaamannee obbo Teewodiroos Makuriyaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif yaada kennaniin, rakkinichi dhugaa tahuu kaasuun daandii Dodolaa Roobee Kiiloomeetira 178 keessaa iddoowwan rakkina cimaa qaban kiiloomeetira 7 tahuu eeran.
Bishaan burquu fi konkolaatawwan humnaa ol keessummeessuun ciccituu daandichaaf sababa ta’uu dubbatan.
Komii uummataaf furmaata waaraa kennuuf bara baajata 2018tti daandicha gara Asfaaltiitti jijjiiruuf hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Olyaad Ahmadtu gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.