Fana: At a Speed of Life!

Ciccituun daandii Aspaaltii Asallaa Adaamaa hawaasa komachiise

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2018 (FMC) – Daandiin Aspaaltii Asallaa Adaamaa iddoo addaa Shoorimaa Shararaa jedhamu Ciccitee tajaajilaan ala ta’uutti hawaasni komate.

Jiraattonni naannawichaa ganna bishaan qe’ee fi midhaan irratti akkasuma bona dhukkeen dhukkubootaaf isaan saaxiluu ibsan.

Konkolaachiftoonni ganni yoo dhufu cirracha buusuun hanga waggaatti tursiisan balaawwan garaagaraa dhaqqabsiisun cinatti meeshaalee konkolaataa cabsuun baasii dabalataaf isaan saaxiluu dubbatu.

Abbaa Taayitaa Daandiwwan Federaalaatti hogganaan daandii Aspaaltii Asallaa Adaamaa kan tahan Injiinar Firii Guddisaa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif yaada kennaniin, komiin hawaasaa dhugaa tahuu himuun, daandichi iddoo Shoorimaa shararaa jedhamutti raqicha waan hin qabneef hawaasaa fi daandicharraan miidhaa geessisaa turuu eeruun wayita ammaa riqichi hojjetamuufii dubbatan..

Kana malees iddoowwan ciccituun rakkoo uumaa ture suphuun gara Aspaaltiitti deebisuuf maashinoota galchaa jiraachuu himaniiru.

komii ummataaf furmaanni waaraa yeroo gabaabaa keessatti kan kennamu ta’uu Injiinar Firiin ibsaniiru.

Olyaad Ahimaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.