Fana: At a Speed of Life!

“COP 30” irratti ejjennoo Afrikaan dhageessistuuf Raashiyaan deggersa ni kenniti

Finfinnee, Fulbaana 21, 2018 (FMC) – Dura taa’aan Komiishinii Gamtaa Afrikaa Maahammud Alii Yusuuf Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa fi bakka bu’aa gamtaa Afrikaa Ivgeenii Tarkihiin waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.

Mareen isaanii dhimmoota tumsa Gamtaa Afrikaa – Raashiyaa, qophii kora ministirootaa Raashiyaa fi Gamtaa Afrikaa 2ffaa, guddina biyyoota naannawa Saaheel, Somaaliyaatti Ergama Kabachiisa nagaa Gamtaa Afrikaan hogganamuu fi ijaarsa dandeettii irratti kan xiyyeeffate ture.

Qaamoleen lamaan Baatii Sadaasaa bara 2025tti yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii(COP 30) Biraaziilitti taa’amu irratti ejjennoon Afrikaa akka dhag’amuuf tumsuu irratti waliigalaniiru.

Raashiyaan qajeeltoowwani irratti hundooftee Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii dabalatee deggersa biyyoota Afrikaaf gootuuf Dura Taa’ichi galata dhiyeessaniiru.

Ambaasaaddar Tarkhiin gama isaaniin, yaa’ii Mootummoota Gamtoomanii 80ffaa irratti Ardiin Afrikaa waltajjii addunyaa irratti xiyyeeffannoo akka argatuuf tattaaffii Gamtaan Afrikaa mul’se dinqisiifataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.