Daa’imman Kunuunsuun egeree dhalootaa ijaaruudha – Biiricha
Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2018 (FMC) – Daa’imman abdii boruu biyyaa waan ta’aniif, mirga daa’immanii eeguu, kunuunsuufi sirnaan guddisuun ijaarsaa fi ce’uumsa dhalootaa mirkaneessuu dha jedhe Biroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa.
Biirichi leenjii hubannoo mirga daa’immanii irratti xiyyeeffate qooda fudhattootaaf kennaa jira.
Miidhaa daa’immanii fi Dubartootarra gahu maqsuuf biirichi xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuun ibsameera.
Leenjichi Poolisoota, qorattoota yakkaa dubartootaa fi daa’immanii irratti hojjetaniifi qooda fudhattootaaf mata duree “Haqa Daa’imman hiriyyoomse” jedhuun kennamaa jira.
Hooggantuu Itti aantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Sarkaalam Saakumee wayita kana ergaa dabarsaniin, dhaloota egeree biyyaa ijaaru horachuuf mirga daa’immanii eeguu, kunuunsuufi tajaajila guutuu akka argataniif qindoominaan hojjechuu barbaachisa jedhan.
Haqa daa’immaniifi Dubartootaa eeguu fi bakka rakkoon jirtutti duuka bu’uun qorachuun dhugaa jiru ifa baasuu keessatti qaamoleen haqaa uummata waliin ta’uun hojjechuu cimsanii akka itti fufanis Aadde Sarkaalam hubachisaniiru.
Leenjiin kunis hubannoo gooda fudhattoonni gama kanaan gaban guddisuun hojicha milkeessuu keessatti gooda irraa eegamu akka gumaachan dandeessisuuf akka ta’e ibsaniiru.
Amartii Tasfaayetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia