Daandiin asfaaltii Finfinnee irraa gara Kaaba biyyattiitti geessu caccabuun hawaasa komachiise
Finfinnee, Mudde 27, 2018(FMC) – Daandiin asfaaltii Magaalota Muka Xurrii, Fiichee fi Garba Gurraachaa keessa darbee gara Kaaba biyyattii geessu ciccituun jiraattoota Godina Shawaa Kaabaatti komii uumeera.
Daandiin kun iddoowwan garaagaraa fi Magaalaa Garba Gurraachaa keessatti ciccituun jiraattoota magaalichaafi konkolaachiftootattis rakkoo guddaa uumaa jiraachuu jiraattonni fi konkolaachiftoonni, Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinitti himaniiru.
Akka yaada jiraattota kanneeniitti, ciccituun daandichaa tajaajila geejjibaa ga’aa akka hinarganne gochuun baasii hinmalleef isaan saaxilaa jiraachuu jiraattotatu dubbate.
Abbootiin qabeenyaa fi konkolaachistoonni ammoo qabeenya irratti miidhaa gessisuun baasii dabalataaf akka isaan saaxile ibsan.
Miidhaa qabeenyaan alattis rakkoo tiraafikaa fi balaawwan hedduu qaqqabsiisaa jiraachuus himaniiru.
Ganna raareen, bona awwaaraan rakkachaa jirra kan jedhan namoonni yaada kennan kunniin, rakkoon kun akka furamuuf irra deddeebiin iyyannus furmaata argachuu hin dandeenye jedhan,
Kantiibaan magaalaa Garba Gurraachaa obbo Girmaa Yilmaas daandiin kun yeroo garaagaraatti waan ciccituuf guddina magaalichaa akkaataa karoorfameen milkeessuu irrattillee dhiibbaa fiduurra darbee gara rakkoo bulchiinsa gaariitti hiikamaa jira jedhan.
Sababa kanaan balaa qabeenyaa fi nama irra akkasumas guddina biyyaa irtratti gessisu kun dafee akka furmaata argatuuf irra deddeebiin gaafannus,
Dafnee furmaata argachuu hindandeenyee kaasan.
Abbaa Taayitaa Daandiiwwaan Itiyoophiyaatti hoji gaggeessaa Distiriiktii Alamganaa Injinar Tamasgeen Alamaayyoo dhimma kana ilaalchisee deebii kennaniin, komiin hawaasaa dhugaa tahuu himanii, daandichi waggaa dheeraaf tajaajilaa turuun rakkoo kana akka geessise kaasaniiru.
Amma garuu bara baajetaa kanatti akka suphamuuf baajanni haaraan qabamee hojjatamaa jiraachuu himaniiru.
Bu’uruma kanaan magaalaa Fiichee hanga Magaalaa Muka Xurriitti suphamuu eegaluu ibsanii, Magaalaa Tulluu milkii eegalee hanga magaalaa Fiicheetti kan jirus eegalamuuf akka jiru eeraniiru.
Daandichi bara baajetaa kana keessa akkaataa hawaasaaf mijatuun sadarkaa isaa eeggatee suphamuun guutummaatti furmaata akka argatus hubachisaniiru.
Faxxanaa Zawudeetyu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.