Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Baaburaa Itiyoo- Jibuutii rakkoo adda cituu geejjibaa mudate furuuf hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 15, 2017(FMC)-  Daandiin Baaburaa Itiyoo- Jibuutii sababa humni elektirikaa adda citeen rakkoo adda cituu geejjibaa baaburaa mudate furuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Rakkoo kana furuuf hojjetamaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Waldaa Aksiyoona Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Taakkalaa Uumaan himaniiru.

Humni elektirikaa guyyoota arfan darbaniif addaan cite dhaabbaticharratti dhiibbaa uumuu ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin kaasaniiru.

Dhamaatii geejjibarra gahe furuuf guyyoottan itti aananitti tajaajila geejjiba jumlaafi geejjiba Konteeyinarii mijeessuuf hojjetamaa akka jiru mirkaneessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.