Daandiin baaburaa Itiyoo-Jibuutii tajaajila oomishtootaaf kennu guddisuu beeksise
Finfinnee, Caamsaa 2, 2017(FMC) – Daandiin baaburaa Itiyoo-Jibuutii dandeettii loojistiksii isaa guddisuun tajaajila oomishtoota Paarkiiwwan indaastirii keessatti argamaniif kennu saffisiisuuf hojiimaata haaraa eegalchiisuu beeksise.
Dhaabbatichi waltajjii marii tajaajiloota haaraa beeksisuufi gaaffilee paarkiiwwan indaastiriirraa ka’an keessummeessuurratti xiyyeeffate gaggeesseera.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan dhaabbatichaa Injinar Taakkalaa Uumaan ibsa waltajjicharratti taasisaniin, dhaabbatichi daldaltoota al-ergitootaaf filmaatawwan babal’isaa jiraachuu ibsaniiru.
Biiroowwan paarkiiwwan indaastirii filataman keessatti banuun hojiilee tajaajila loojistiksii saffisiisuu dandeessisan kan hojjetaman ta’uus dubbataniiru.
Dhaabbatichatti Daayrektarri Giloobaal loojistiksii aadde Mintasinoot Yohaannis gamasaaniin, baayina baaburaa dabaluun geejjiba guyyaa guyyaa guddisuun danda’amuu kaasaniiru.
Gama biraan dhaabbatichi alergitoota bunaa, midhaan callaafi midhaan zayitaaf hanga fe’umsaa toonii 25’tti guddisuu eeraniiru.
Hayilamaariyaam Taganyitu gabaase.