Daandiin baaburichaa imala Badhaadhinaa baachuu haala danda’uun ijaaramaa jira
Finfinnee, Adoolessa 26, 2017 (FMC) – Daandiin Baaburaa Itiyoo-Jibuutii imala badhaadhina baachuu haala danda’uun ijaaramaa jira jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Injiinar Taakkalaa Uumaan.
Injiinar Taakkalaan guyyaa hojjettoota Dhaabbatichaarratti argamuun ergaa dabarsaniin, Geejjibni Baaburaa Itiyoo – Jiibuutii barii injifannoo Adwaa kan eegale bu’aa qabsoo abbootii ta’uu eeran.
Itiyoophiyaa addunyaan kan walqunnamsiisu, tumsa Ummattoota Itiyoophiyaa fi Jiibuutiif bu’uura misoomaa kan ta’eedhan.
Dhaabbatichi ummattoota biyyoota lamaaniif hiikoo addaa qabaachuu eeran.
Ibsituu Siyaasaa, hawaasummaa, akkasumas haala waliigalaa biyyattii keessaa tokko ta’uu himan.
Karoora Tarsiimoo waggoota 3 qopheessuun duudhaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuuf hojjetamaa akka jiru kaasan.
Leeyikun Alemtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia