Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa gara Magaalaa Haydiraabaadiitti balallii eegaluufi
Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC) – Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Waxabajji 9, 2017 jalqabee Hinditti bakka ga’umsaa 5ffaa kan taate gara Magaalaa Haydiraabaadiitti balallii eegaluuf ta’uu beeksise.
Torbeetti yeroo 3 balallii kan eegalu ta’uu himeera.
Balalliin kun eegaluun isaa Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Hinditti bakka ga’umsa balallii imaltootaa babal’isuu qofa osoo hin taane, walitti hidhamiinsa roga hedduu Afrikaa fi Eeshiyaa gidduu jiru kan guddisu ta’uu ragaan Daandii qilleensichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia