Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu sababeeffachuun maaddii qoode
Finfinnee, Ebla12, 2017 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Boolee aanaa 4 Giddugala Nyaataa Tasfaa Biraanitti maaddii qoodeera.
Daandiin qilleensichaa sagantaa maaddii qooduu kan gaggeesse itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuu cimsuuf kan hundeesse gama kutaa “Iit Faawundeeshin” jedhamuun ta’uu ibseera.
#Oromia #Ethiopia