Daandiin Qilleensichaa fi Baankiin Misoomaa Afirikaa waliigaltee Faayinaansii mallatteessan
Finfinnee, Hagayya 5, 2017 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Baankiin Misoomaa Afirikaa naannawaa magaalaa Bishooftuutti ijaarsa pirojeektii Buufata Xiyyaaraa Abuseeraa hojiirra oolchuuf waliigaltee bakka bu’iinsaa sosochii faayinaansingii (Mandate Letter) mallatteessaniiru.
Sirni waliigaltichaa Walitti qabaan boordii Daandii Qilleensichaa Leetnaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee, Pireezidaantiin Baankii Misoomaa Afrikaa Akiinwuumii Adeesii, Ministiroonni biyyoota Afrikaa addaa addaa fi Dippilomaatonni, akkasumas hoggantoonni adda addaa bakka argamanitti geggeeffameera.
Akkaataa waliigaltichaan baankichi hojiiwwan faayinaansingii pirojeektichaa bakka bu’ee akka hojjetu eerameera.
Buufatni Xiyyaaraa guddichi haaraan naannoo magaalaa Bishooftuutti ijaaramuuf jiru kun bakkeewwan ka’umsa xiyyaaraa afurii fi bakkeewwan ammayyaa tajaajila imaltootaa fi fe’umsaaf oolan of keessaa qabaata.
Ijaarsi isaas boqonnaawwan shaniin kan raawwatamu yoo ta’u, ijaarsi boqonnaa jalqabaa yoo xumuramu imaltoota miiliyoona 60 keessuummeessuu danda’a.
Guutummaatti ijaaramee yoo xumuramu ammoo dandeettii imaltoota miiliyoona 100 ol keessummeessuu kan qabaatu yoo ta’u, kunis Wiirtuuwwan Aviyeeshinii addunyaa keessaa tokkoo akka ta’u isa dandeessisa.
Kunis galmoota gurguddoo Daandii Xiyyaaraa kanaa kan bara 2035 keessaa isa tokko dha.
Pirojektiin guddichi kun bu’uuraaleen misoomaa daandii baaburaa fi daandii saffisaa qindaa’aa magaalaa Finfinnee waliin walquunnamsiisuun sosochii imaltootaa fi tajaajila fe’iinsaa miijeessan akka of keessaa qabaatus eerameera.
Pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Abuseeraa Ajandaawwan Gamtaa Afrikaa 2063 fi galmoota guguddoo Gabaa Geejjiba Xiyyaaraa Afrikaa waliin kan deemu yoo ta’u, kunis walitti dhufeenya Afrikaa keessaa jiru kan guddisu, Ardittii addunyaan kan walitti hidhu, yeroo imalaa kan xiqqeessuu fi walitti hidhamiinsa dinagdee kan jajjabeessuu akka ta’e ibsameera.
Pirojektiin kun lafa heektaara kuma sadii fi 975 irratti kan ijaaramu yoo ta’u, baasiin isaa Doolaara miiliyoona 10 ta’a. ijaaramee yoo xumuramus humna aviyeeshinii biyyattii dachaa afuriin guddisa jedhame.
Bakka bu’oonni biyyoota Afirikaa addaa addaa Daandiin qilleensichaa damee aviyeeshinii ardittii sadarkaa addunyaatti dorgomaa taasisuuf kan gargaaru ta’uu fi mallattoo Paan Afirikaanizimii ta’uu dubbataniiru.
Pirezidaantiin Baankii Misoomaa Afirikaa Akiinwuumii Kadeesiinaa gama isaaniin, tumsaa fi deggersaa Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi mootummaan isaanii baankichaaf kenneef galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.