Daandiin Qilleensichaa gara Abu Daabiitti balallii haaraa eegale
Finfinnee, Adoolessa 8, 2017 (FMC) – Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa gara Emireetoota Araba Gamtoomanii magaalaa Abu Daabiitti balallii haaraa eegale.
Balalliin kun bakka walitti qabaan hoggansa Boordii Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa Masfin Xaasew, hoggantoonni mootummaa fi bakka buutoonni Itiyoophiyaatti Imbaasii Emireetoota Araba Gamtoomanii argamanitti eegaleera.
Daandiin qilleensichaa gara Abu Daabiitti balallii eegaluun isaa Afrikaa biyyoota Addunyaa biroon walitti fiduuf kaka’umsa qabuuf mul’iftuudha jedhan Masfin Xaasew.
Daandii Qilleensaa Itihaad waliin ta’uun imaltootaaf haala mijeessuun hariiroo daldala, Invastimantii fi Tuuriizimii biyyoota lamaan gidduu jiru caalmaatti guddisuuf carraa kan uumuudha jedhan.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa bakka ga’umsa naannawaa Giddugaleessa Bahaa fi Galfitti qabu 13 gahuun torbeen balalliiwwan 10 taasisaa jira.
Efireem Mitikkuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.