Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa gara Hayidiraabaaditti balaallii eegale

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2017(FMC )- Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Hinditti bakka gahuumsa isaa 5ffaa kan ta’e Hayidiraabaaditti balaallii eegaleera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasew, Daandiin qilleensichaa balaalliin kallattii Hayidiraabaaditti taasisu hariiroo biyyoota lameenii kan guddisuudha jedhan.

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa bakka gahuumsaa 140 ol qabaachuu ibsuun, balaalliin kallattii Finfinneerraa gara Hayidiraabaaditti taasifamu Afrikaanoota hedduuf filannoo geejjibaa dabalataa akka ta’uus dubbataniiru.

Balaallichi walitti hidhamiinsa hawaasummaa fi diinagdeef gahee isaa kan bahatuudha jedhan.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Shiri Aniil Kumar gamasaaniin,Hayidiraabaad magaaloota murteessoo hindi qabdu keessaa tokko ta’uu isheen balaallichi fayyadamummaa diinagdee biyyoota lameeniif murteessadha jedhan.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.