Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa Imaltoota Hajii fi Umraaf tajaajila saffisaa kennuf qophaa’eera jedhame

 

 

Caamsaa 5, 2017 (FMC) – gareen Daandii Qileensaa Itiyoophiyaa imaltoota Haajii fi Umraa baranaaf tajajila geejjibaa miijataa kennuuf qophaa’uu isaa beeksiseera.

Imala Haajii fi Umraa kuma 1 fi 446ffaa ilaalchisee Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa ibsa waloo kennaniiru.

Pirezidaantiin Mana Marichaa  Sheeh Haajii Ibraahiim Tufaa  wayita kana akka jedhanitti, Daandiin Qilleensichaa waggaa waggaan milkaa’ina imala Haajii fi Umraaf ga’ee isaa ba’achaa jira.

Imala bara kanaafis tajaajila si’ataa kennuuf kaka’umsa walitti fufaa mul’isaa jiruuf galateeffataniiru.

Ittigaafatamaa Olaanaan Damee Daldalaa Garee daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Lammaa Yaaddechaa gama isaaniin, Daandiin Qilleensichaa uummata Musliimaa  Itiyoophiyaa fi guutuu Addunyaa irraa gara Saa’ud Arabiyaatti imaluuf balallii hedduu fi hojjettoota danuu ramaduun qophii xumuruu isaa ibsaniiru.

Imaltoonni Haajii tajaajila si’ataa ni argatus jedhan.

Hanga sirni imalaa kun xumuramuttis tajaajila imaltootaaf dhiyeessu cimsee akka itti fufu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Imalli Haaji fi Umraa bara kanaa boru Caamsaa 6, 2017 waaree booda irraa eegalee kan itti fufu ta’uun beekameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.