Daawwannaan Naareendiraa Moodii Itiyoophiyaan addunyaa ijaaruu keessatti gahee ijoo qabaachuu kan mirkaneessuudha – TKM
Finfinnee, Mudde 8, 2018 (FMC) – Daawwannaan Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Itiyoophiyaatti taasisaa jiran biyyattiin addunyaa ijaaruu keessatti gahee ijoo qabaachuu kan mirkaneessuudha jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilichi daawwannaa Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Itiyoophiyaatti taasisaa jiran ilaalchisee ibsa kenneera.
Daawwannichi hariiroo fi tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi Hindiif boqonnaa haaraa kan bane ta’uu ibse.
Simannaa kabajaa Masaraa biyyaalessaatti taasifame dabalataan Itiyoophiyaan waltajjii idil addunyaarratti dhaga’amtummaa qabduu fi Hindi tumsa tarsiimawaa Gaanfa Afrikaaf kennitu iddoo olaanaa ta’uu kan argasiisuudha jedhe.
Ministeera Dhimma Alaa keessatti Wiirtuu Daataa hundeessuuf walii galteen godhame Itiyoophiyaaf hiika guddaa qabaachuu ibse.
Waliigaltichi ragaalee dippiloomaasii karaa ammayyaan gurmeessuu fi nageenya saayibarii mirkaneessuuf tattaaffii Itiyoophiyaan gochaa jirtu Teeknooloojiin akka deeggaramu kan tumsuudha jechuun ibse.
Olaantummaa Hindi damee dijitaalaan addunyaa irratti qabdu gara dhaabbilee Itiyoophiyaatti fiduun dandeettii dippiloomaasii biyyattii sadarkaa olaanaatti ol guddisa.
Waliigalteen deeggarsa bulchiinsa gumruuka waloorratti taasifame waljijjiirraa daldalaa biyyoota lameenii saffisiisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibseera.
Hindi biyya baayyina uummataa biiliyoona 1.46 fi gabaa guddaa qabdu ta’uu kaasuun, waliigalteen kun oomishaaleen Itiyoophiyaa karaa salphaa ta’een gabaa Hindi keessa akka seenanii fi daldala seeraan alaa biyyoota lameeni gidduu jiru to’achuuf kan gargaaru ta’uus eereera.
Waliigalteen hojii kabachiisa nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii gahee biyyoonni lamaan sadarkaa idil-addunyaatti qaban kan guddisu ta’uu Tajaajilichi ibseera.
Biyyoonni lameen sadarkaa idil addunyaatti humna kabachiisa nageenyaa olaanaa kan bobbaasan ta’uu eeruun, damee kanaan waliigaltee waliif mallatteessuun kutannoo biyyoonni lameen nageenya addunyaaf qaban agarsiisuurra darbee muddama naannawaa Gaanfa Afrikaafi Garba Hindiirratti mul’atuuf qaama furmaataa ta’uuf waloon karoorsuu isaanii mul’isa jedhe.
Ejjennoo Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad “Dhimmoota Waloo dursi kennamuuf” irratti qaban (Shared Priorities) ejjennoo biyyoonni lameen “BRICS+” fi “Global South” irratti qaban kan agarsiisudhas jedheera.
Daawwannaan Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Itiyoophiyaatti taasisaa jiran biyyattiin addunyaa ijaaruu keessatti gahee ijoo qabaachuu kan mirkaneessuu ta’uu eeruun, Hindi Itiyoophiyaa akka michuu yeroo dheeraafi amanamtuutti ilaaluun yaa’insa invastimantii Itiyoophiyaafi dhaggeeffatamummaa dippiloomaasii isheef milkaa’ina guddaa ta’uu kaaseera.
Mariifi sirni waliigaltee biyyoota gurguddoo lameen gidduutti taasifame kun uummata Itiyoophiyaafi hawaasa idil-addunyaaf ergaa ifaa ta’e kan dabarsu ta’uu ibseera.
Itiyoophiyaan michuuwwan tarsiimoo baay’ifachaa jiraachuufi hariiroo biyya giddugala teeknooloojiifi humnaa taate Hindi waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabdu cimsachaa jiraachuu ishee kan agarsiisu ta’uus kaaseera.
Milkaa’inni kun “yaada gabaa” waliigalteewwan qabatamaan kan hogganeefi maqaa gaarii Itiyoophiyaa waltajjii addunyaarratti kan beeksise taatee seena qabeessa ta’uus ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.