Fana: At a Speed of Life!

Daldala alaarraa galii Doolaarri biiliyoonni 7 fi miiliyoonni 200 ol argame

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2017(FMC)- Itiyoophiyaan baaatiiwwan 11 darbanitti daldala alaarra galii Doolaara biiliyoona 7 fi miiliyoona 200 ol argatte.

Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofeen, gabaasa raawwii karooraa baatiiwwan 11 darbanii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeessaniiru.

Baatiiwwan 11 darbanitti daldala alaarraa galiin Doolaarri biiliyoona 7 fi miiliyoona 200 ol argamuu ibsaniiru.

Xumura bara baajatichaatti galiin waliigala daldala alaarraa argamu Doolaara biiliyoona 8 darbuu akka danda’us kaasaniiru.

Daldala ammayyeessuuf, galii biyyaalessaa guddisuuf, daldala seeraan alaa maqsuuf, qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuffi bu’uuraalee misoomaa gabaa babal’isuuf hojiilee hojjetaman irratti mana marichaaf ibsaniiru.

Yaadotaafi gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif Ministiricha dabalatee hoggantoonni mana hojichaa deebiifi ibsa kennaa jiru.

Maraa’ol Kadirtu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.