Fana: At a Speed of Life!

Daldaltoota biyyaaf humna ta’an baay’inaan horachuuf hojjetamaa jira- BDO

Finfinnee, Caamsaa 25, 2017 (FMC)- Daldaltoota ciccimoo biyyaaf humna ta’an baay’inaan horachuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Daldalaa Oromiyaa.

Waltajjiin marii daldaltoota waliin magaalaa Finfinneetti taa’ameera.

Kaayyoon waltajjichaa hudhaalee hojii daldala keessa jiran hubachuun akka furamu taasisuu fi wal hubannoon mootummaa fi daldaltoota gidduu akka jiraatufi.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo kaffaaloo Tafarraan maricharratti haasawaa taasisaniin, Naannoon Oromiyaa osoo qabeenya dilbii qabuu hawaasni abbaa qabeenyaa akka hin taane shiraan sakaalamaa tureera jedhan.

Riiformii diinagdee fi daldalaa hunda hirmaachisu mootummaan diriirsuun rakkoon kun furamuu himanii, daldaltoonni wayita rakkoon biyya mudatu mootummaa cina dhaabachuun deeggarsa taasisaa turaniif galateeffataniiru.

Hoggantuun Biiroo Daldala Oromiyaa Dooktar Yeshii Jimaa gama isaaniin, daldaltoota ciccimoo biyyaaf humna ta’an baay’inaan horachuuf hojjetamaa jira jedhan.

Daldaltoota seeraan ala socho’anis seera qabeessa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu himuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.