Fana: At a Speed of Life!

Damee fayyaan teeknooloojiiwwan lubbuu baraaran guutuuf hojjetamaa jira- Obbo Tamsgeen Xurunaa

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan damee fayyaan teeknooloojiiwwan lubbuu baraaran guutuuf hojjetamaa jira jedhan.

Fooramiin idil-addunyaa ‘Rays of Hope 2025’ waliingahiinsa wal’aansa dhibee kaansariirratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Obbo Tamasgeen Xurunaan waltajjicharratti akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waggoottan 30 darbanitti sagantaa ekisteenshinii fayyaan hojii seena qabeessa hojjetteetti.

Ogeeyyiin fayyaa hawaasaa kumaatamatti lakkaa’aman leenji’uu yaadachiisanii, fayyaan dhimma faayidaa addaa osoo hin taane mirga taasisuun waliingahiinsa tajaajila isaa kutaalee biyyattii hundatti babal’isuu eeraniiru.

Waliingahiinsi giddugala wal’aansa dhibee kaansarii babal’achaa jiraachuufi tajaajila raadiyooteeraappii naannoleetti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ashaaraan Magariisaa qabeenya lafaa wal’aanuun haala fayyaa hawaasaa fooyyessaa akka jiru kan ibsan obbo Tamasgeen, sososchiileen Ispoortii guyyoota garaagaraa, haala addaa addaan bakkeewwan garaagaraatti taasifaman haala jireenyaa fayyaalessa shaakalsiisaa jiru jedhan.

Dhibee kaansarii wal’aanamuu danda’uun lubbuun darbuu akka hin qabneefi dhukkubsataan fageenya yookaan rakkoo maallaqaarraan kan ka’e manatti hafee dhibichaan dararamuu akka hin qabne hubachiisaniiru.

Layikuun Alamtu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.