Fana: At a Speed of Life!

Damee Geejjibaa guddisuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaadha – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Ebla 24, 2017 (FMC) – Guddina diinagdeef murteessaa kan ta’e damee Geejjibaa fi Loojistiksii guddisuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsan.

Guddina diinagdee Itiyoophiyaan galmeessaa jirtu keessatti damichi qooda isaa bahachaa jiraatus ammas hojiilee hedduun kan hafu ta’uu Dooktar Alamuun eeraniiru.

Kanaafis qindoominni qooda fudhattootaa daran murteessaa ta’uu himaniiru.

Gamaaggamni raawwii karoora hojii baatiwwan saglan darbanii seektarichaa gaggeeffameera.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Buufataalee Xiyyaaraa haaraa ijaaruu fi buleeyyii haaromsuun hojii fooyya’aa hojjechuu gamaaggamichaan ibsameera.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa maamiltoota idil addunyaa miiliyoona 11 fi kan biyya keessaa miiliyoona 2.9 imalchiisuun eerameera.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.