Fana: At a Speed of Life!

Damee Geejjibaan tajaajila fedhii ummataa bu’uura godhate kennuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 3, 2017 (FMC) –Damee Geejjibaan tajaajila fedhii ummataa bu’uura godhate kennuuf hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Bari’oo Hasan kenniinsa Tajaajila Geejjibaa Paablikii qaxxaamura Biyyaa addaa Finfinnee – Magaalaa Jigjigaa daawwataniiru.

Ministeerichi tajaajila fedhii ummataa bu’uura godhate kennuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan.

Yeroo ammaa rakkoolee kana dura tajaajila Geejjiba Qaxxaamura biyyaarratti mul’ataa turan maksuuf hojiileen dandeessisan hojjetamaa jiraachuu dubbatan obbo Bari’oon.

Awutoobisoota Finfinneetti tajaajila kennaa jiran 464 dabalataan Awutoobisoonni addaa 50 ta’an Finfinnee gara Magaaloota naannoleetti tajaajila Geejjibaa kennaa jiraachuu ibsan.

Yeroo itti aanu tajaajila Awutoobisoonni ammayyaa kunneen kennaa jiran caalmaatti bal’isuuf hojjetamaa jira jedhan.

Dabalataan Geejjiba Lafarraan biyyoota ollaa walqunnamsiisuuf karoorri qophaa’ee hojjetamaa akka jiru eeran.

Tasfaayee Hayiluutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.