Damee hundaan indaastiriiwwan gurguddoon uumamaa jiru- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Bitootessa 16, 2018 (FMC)- Damee hundaan indaastiriiwwan gurguddoon uumamaa jiru jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dhimmoota magaalaa, magaalummaa fi misooma koriidarii ilaalchisee Teeleeviizyiinii Qaanaa waliin turtii taasisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana hojimaanni biiznasii Kanaan dura ture invastarootaaf mijataa akka hin turre yaadachiisanii, yeroo ammaa kana fooyya’aa jiraachuufi jijjiiramni qabatamaan galmaa’aa akka jiru eeraniiru.
Waggoottan dura galiin daldala alaa damee indaastiriirraa argamu Doolaara miiliyoona 200 fi miiliyoona 50 akka hin caalle yaadachiisanii, yeroo ammaa indaastiriiwwan daldala alaan galii olaanaa argamsiisaa jiraachuu; kunis akka salphaatti kan hin dhufne ta’uu ibsan.
Maddi anniisaa soolaarii shan gara hojiitti galuufi gariin isaanii oomisha isaanii gabaa alaaf dhiyeessaa akka jiran eeruun, bara dhufu soolaarii qofarraa galii Doolaara biiliyoona 1 ni arganna jedhan.
Warshaaleen Itiyoophiyaa keessa jiran dandeettii guutuun osoo oomishanii oomishtummaan dachaan akka guddatus ibsaniiru.
Soosinnaa Alamaayyoon.