Damee Sirna haqaan hojiiwwan haaromsaa hojjetamaniin bu’aalee galmaa’an cimsuu barbaachisa – Tamsgeen Xurunaa
Finfinnee, Adoolessa 13, 2017(FMC) – Hojiiwwan haaromsaa damee sirna haqaa keessatti hojjetamaniin bu’aalee argaman cimsuu barbaachisa jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan FDRI Tamasgeen Xurunaan.
Ministirri Muummee Itti aanaan Tamasgeen xurunaan sirna eebbaa gamoo fi hojiiil dijiitaallessuu Mana Murtii waliigalaa Naannoo Amaaraa irratti akka dubbatanitti, naannoo hojii haaressuufi manneen murtii dijiitaalessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran qaama haromsa hojiirra oolaa jiruu ti.
Rifoormiiwan damee abbaa seerummaa fi sirna haqaa keessatti hojjetamaniin bu’aaleen galmaa’an jiraatanis, y gaaffileen tajaajila haqaa ammallee hinguutamin jiraachuus hubachiisan
Sababa kanaan akka biyyaatti bara 2016 irraa eegalee karoorri Tiraansfoormeeshinii qophaa’ee qaamolee haqaa Federaalaa fi Naannoleen hojiirra oolaa akka jirus ibsan.
Haaromsi bu’uuraa, ijaarsi gamoowwan haaraa fi hojiin dijiitaalessuu marsaa 1ffaan Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Amaraas yeroo waggaa tokko hinguunne keessatti milkaa’inaan xumuramuus dubbataniiru.
Hojiin dijiitaalessuu kun dhaabbileen qooda fudhattoonnifi tajaajilamtoonni manneen murtii naannooma jiranitti dhimma mana murtiitii qaban hordofachuun yeroo, baasii fi dheerina tajaajilaa kan hiri’su ta’uun ibsameera.
Laykun Alamtu gabaase.