Dameen Hariiroo Uummataafi Kominikeeshinii tokkummaan sabdaneessaa akka cimuuuf hojjeteera- Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Adoolessa 4, 2017 (FMC) – Dameen Hariiroo Uummataafi Kominikeeshinii tokkummaan sabdaneessaa akka cimuuf hojjeteera jedhan Hogganaan Damee Uummataafi Hariiroo Idil-addunyaa Paartii Badhadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa.
Gamaaggamnni raawwii karoora bara 2017 Damee Uummataafi Hariiroo Idil-addunyaa Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa magaalaa Arbaamincitti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Biqilaa Hurrisaan waltajjicharratti akka jedhanitti, dameen kominikeeshiniifi hariiroo uummataa Itiyoophiyummaafi tokkummaan sabdaneessaa akka guddatuuf hojjeteera.
Dabalataanis Itiyoophiyaan hedumminaan faayamtee akka cimtuufi finxaalessummaan akka quucaruuf hojjetamuu kaasanii, Itiyoophiyaanonni tokkummaan, waloomniifi obbolummaan daandii filmaata biraa hin qabne ta’uu akka hubataniif hojjetameera jedhan.
Itiyoophiyaatti aadaan siyaasaa ammayyaa mariitti amanu akka uumamuufi yaadamniifi gochaan siyaasaa miira keessaa bahe akka cimuuf hojjetamuu eeruun, hojiin kun cimee itti fufuu akka qabu hubachiisan.
Barri 2017 Itiyoophiyaaf bara addaati kan jedhan Dooktar Biqilaan, bara itti qaamoleen nageenyaafi tasgabbii Itiyoophiyaa hin barbaanne dhabamsiifamaa dhufan ta’uu ibsaniiru.
Kana malees bara itti Itiyoophiyaanonni ajandaa tokkummaafi nageenyaaf fayyadu bocuun karaa Komishinii Marii Biyyaalessaa marii hirmaachisaa ta’e eegalaniifi hiyyummaa keessaa bahuuf dameewwan diinagdee hundaan jijjiirama argan ta’uus eeraniiru.
Damee dippiloomaasiin gaaffiin ulaa galaanaa ajandaa guddaa bara itti ta’e fi addunyaanis barbaachisummaa gaaffichaatti amane ta’uu yaadachiisan.
Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa tokkummaan ijaarree jala bultii eebbaa irratti waan argamnuuf oduu gammachiisaa kana addunyaatti himuuf dameen kominikeeshiniifi hariiroo uummataa itti gaafatamummaa isaa bahachuu qaba jedhan.
Waamamaan Mootummaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Gabramasqal Caalaan gama isaaniin, mootummaan waadaa uummataaf seene milkeessaa jiraachuusaa agarsiisuuf dameen kominkeeshiniifi hariiroo uummataa gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Mallas Taaddalaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.