Fana: At a Speed of Life!

Dameen Miidiyaa utubaa misooma biyyaalessaa ta’uu isaan mootummaan deeggarsa taasisu cimsee itti fufa – TKM

Finfinnee, Sadaasa 26, 2018 (FMC) – Dameen Miidiyaa utubaa misooma biyyaalessaa fi bu’uura sirna diimokiraaii ta’uu isaan mootummaan deeggarsa taasisu cimsee itti fufa jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Tajaajilichi sirna badhaasaa Paan Afrikaanizimii magaalaa Finfinneetti gaggeeffame ilaalchisee ibsa kenneera.

Teessoo Gamtaa Afrikaa fi dippiloomaasii idil addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee biyyoota Afrikaa keessaa magaalaa waltajjii gurguddoo keessummeessuuf mijattu ta’uunshee irra deebiin kan itti mirkaneessedha jedhe.

Finfinneen waltajjii guddaa kana keessummeessuun injifannoo guddaa ittiin boonnudha jechuun ibse.

Badhaasaa miidiyaa Afrikaa 2025 kana akka keessummeessitu kan filatamte calliftee osoo hin taane guddina sadarkaa addunyaatti madaalu galmeessaa jiraachuu isheen ta’uu ibse.
Itiyoophiyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa fi utubaa seenaa Paan Afrikaanizimii ta’uu eere.

Kanaaf sagantaa guddaa kana qopheessuuf filatamuun ishee adeemsa sirrii akka ta’e hime.

Bu’uuraaleen misoomaa waggoottan lamaan darban keessa hojjetaman Gaazexeessitoota guutuu Afrikaaf, hojii miidiyaa fi hoggantoota siyaasaaf bakka walga’ii filatamtuu ta’uu ibse.

Badhaasni kunis fedhii Afrikaa bu’uura godhachuun kan qophaa’e ta’uu eere ibsa isaan.

Ogeeyyiin miidiyaa 800 biyyoota 40 irraa walitti babba’an saganticharratti hirmaataniiru.

Miidiyaan guddinaa fi kufaatii hawaasaa murteessuu keessatti humna olaanaa ta’uu ibse.

Keessattuu seenessoo dogoggoraa alaa itti fe’aman sirreessuun eenyummaa Afrikaa isa sirree gabaasuun qabu jedhe.

Badhaasni kun Gaazexeessummaa, Biroodkaastingii, Miidiyaa Diijitaalaa fi ijaarsa seenessoon hojiilee fakeenyummaa qaban kanneen hojjetaniif beekamtii kan kenne waltajjii guddaa ta’uu hime.

Kaayyoo olaanaan waltajjichaa Afrikaanoonni waa’ee eenyummaa isaanii karaa sirriin akka seenessaan carraa uumuu ta’uu hime.

Hanqina kalaqaa damee miidiyaan mul’atu furuun sadarkaa ogummaa caalmaatti guddisuu ta’uu ibse.

Ogeeyyii miidiyaa ardichaa guutuu walitti qabuun, beekumsa ogummaa fi tumsa waliinii cimsuudha jedhe.

Kanaaf mootummaan dameen miidiyaa bu’uura ijaarsa sirna diimokiraasii fi misooma biyyaalessaa ta’uu isaan tumsa hundagaleessa taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesse.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.