Dandeettii dhibee Kaansarii ittisuu fi yaaluu gabbisuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 22, 2017 (FMC) – Ministeerri Fayyaa Dandeettii dhibee Kaansarii ittisuu fi yaaluu gabbisuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhe.
Yuunivarsiitiwwanii fi Hospitaaloota waliin ta’uun hojiin dhibee Kaansarii Carallaan yaaluu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Ministeera Fayyaatti Itti Gaafatamtuun Deeksii Ittisaa fi to’annoo dhibbee daddarboo hin taanee fi fayyaa sammuu Dooktar Salaamaawiit Ayyaalaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Hospitaalli Yuunivarsiitii Jimmaa, Haramayaa, Hawaasaa, Xiqur Ambassaa, Qulqulluu Phaawuloos, Maqalee fi Goondar Hospitaaloota dhimmicharrati hojjetaa jiraanii jedhan.
Hospitaaloonni kunneen Kaansarii carallaan yaaluu caalmaatti babal’isuuf kan dandeessisan hojii maashinoota dhaabuu fi ijaaruu xumuruu mirkaneessaniiru.
Hojiin dhiyeessii qorichaalee dhibee Kaansarii guddisuus hojjetamaa jira jedhan.
Qorichaalee yaala dhibee Kaansarii sirnaan fayyadamtoota qaqqabsiisuuf Birriin miiliyoonni 200 ol ramadamee hojjetamaa jira jedhan Dooktar Salaamaawiit.
Yohaannis Darribawutu gabaase