Fana: At a Speed of Life!

Dandeettiin birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf dandeessisu uumamaa jira- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Pirezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin dandeettiin birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf dandeessisu uumamaa jira jedhan.

Obbo Awwaluu Abdiin Godina Shawaa Kaabaatti wayita sassaabbii oomisha gannaafi misooma qamadii bonee eegalchiisanitti akka jedhanitti, qonnaan bulaa aadaa qonnaa roobarratti hirkatu keessaa baasuun waggaa guutuu akka oomishuufi gabaaf dhiyeessu gochuun danda’ameera.

Haaluma Kanaan fayyadamummaa diinagdee mirkaneessuurra darbee dandeettiin birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf dandeessisu uumamaa jira jedhan.

Naannichatti hojiileen oomishaafi oomishtummaa guddisuuf uwwisa lafa qonnaa guddisuu, lafa jirurratti oomishtummaa dabaluu, mekaanaashizeeshinii babal’isuufi hubannoo qonnaan bultootaa guddisuuf hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uu eeraniiru.

Hektaararraa oomishni argamaa ture giddugaleessaan kuntaala 15-20 ta’uu yaadachiisanii, hojiilee waggoottan jijjiiramaa darbanitti hojjetamaniin hektaararraa giddugaleessaan oomishni kuntaalli 30-40 argamaa akka jiru ibsaniiru.

Qonnaan bulaan kaffaltii madaalawaafi tajaajila liqaan galteewwan mekaanaayizeeshinii akka argatuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Godina Shawaa Kaabaatti qonna gannaan lafti hektaarri kumni 500 fi kumni 90 midhaan gosa garaagaraan uwwifamuu, kana keessaas %85 ol mekaanaayizeeshiniin deeggaramee misoomuufi callaa kuntaala miiliyoona 11 sassaabuuf karoorfamuun ibsameera.

Maraa’ol Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.