Fana: At a Speed of Life!

Darbii Maanchiister 198ffaa…

Finfinnee, Amajii 9, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 22ffaan har’a morkiin Maanchuriyaal darbiin198ffaan akkaan eegama.

Maayikiil Kaariik erga Maanchiister Yuumaayitiid dursuu eegalee har’a qormaata cimaa jalqabaa kana akkaamiin ce’aan taphichi akkaan akka eegamu taasiseera.

Siitiin taphicha olaantummaan xumuruun morkii isaa cimsachuuf falmiin taasisu murteessaadha.

Har’a waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee falmiin kilaboota masaanuu kanneen gidduutti gaggeeffamu jaalattoota Kubbaa miilaan hawwiin eegama.

Kilaboonni masaanuu yeroo hundaa magaalaa Maanchiister lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 197 keessaa Yuunaayitiid yeroo 80 yoo injifatu, Siitiin si’a 62 injifachuun taphoota 55 ammoo qabxii qooddataniiru.

Galgala sa’aatii 2:30 eegalee dursaan Liigichaa Arsenaal falmiin Nootingahaam Foresti waliin taasisu xiyyeeffannoo argateera.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaa waliin taphatan 99 keessaa Arsenaal yeroo 50 injifachuun olaantummaa qaba.

Nootingahaam Foresti si’a 28 injifachuun, taphoota 21 qabxii qooddataniiru.

Galgala sa’aatii 12:00 eegalee Liiverpuul – Barnileey, Cheelsii -Bireentifoord, Liidis Yuunaayitiid – Fuulhaam, Tootenhaam – Weest Haam, akkasuma Sandarlaandi – Kiristaal Paalaas waliin taphatu.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.