Darbiin Sulula Qinxamaa olaantummaa Nageellee Arsiin xumurame
Finfinnee, Bitootessa 27, 2018 (FMC) -Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaan darbiin Sulula Qinxamaa olaantummaa warra guchiiwwaniin xumurameera.
Taphni akkaan hawwataa ture morkiin Magaalaa Adaamaa fi Nageellee Arsii gidduutti gaggeeffame Nageellee Arsiin galchii 2 fi 1’n injifateera.
Rohoboot Salaaloon daqiiqaa dabalataarratti galchii lakkoofsiseen Nageellee Arsii baraareera.
Daawwiit Tafarraan daqiiqaa 51ffaa fi Rohoboot Salaaloon daqiiqaa 90+6ffaarratti Nageellee Arsiif yoo galchan, Daawwaa Huxxeessaan daqiiqaa 79ffaarratti Adaamaaf galchii tokko galcheera.
Daawwaa Huxxeessaan galchii jalqabaa bara taphichaa galcheera.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia