Dargaggoonni egeree biyyaati – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Waxabajjii 4, 2017 (FMC) – Dargaggoonni egeree biyyaa waan ta’aniif fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.
Sagantaan cufiinsa waltajjii dargaggootaa sadarkaa magaalaa Finfinnee bakka hoggantoonni magaalichaa argamanitti gaggeeffameera.
Waltajjiin kun mata duree ‘Gahee dargaggootaa Badhaadhina hundagaleessaf’ jedhuun Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffameera.
Magaalichatti dargaggootaaf haala mijataa uumuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu Kantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen saganticharratti argamuun haasawa taasisaniin himaniiru.
Dargaggoonnis hojiilee hojjetaman kanneen sirnaa fi miira abbummaan itti fayyadamuu akka qaban kaasan.
Dargaggoonni dhimma biyyaarratti hubannoo gahaa qabaachuun hirmaannaa isaanii cimsuu qabu jedhan.
Mul’ata badhaadhinaa Itiyoophiyaan qabdu dhugoomsuu keessatti qooda isaanii bahuun akka irra jiraatu eeran.
Dargaggoonni Carraa hojii jirutti sirnaan fayyadamuun of jijjiiruutu irraa eegama jedhan.
Dhimmoota jiran hunda faayidaa biyyaalessa giddugaleeffachuun ilaaluu akka qaban yaadachiisan aadde Adaanech.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.