Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni ijaarsa biyyaafi nageenya waaraaf dammaqinaan hirmaachuu qabu- Obbo Adam Faaraah

Waxabajjii 29, 2017(FMC)- Dargaggoonni Itiyoophiyaa badhaate ijaaruufi nageenya waaraa mirkaneessuuf gahee isaanii bahachuu akka qaban Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii obbo Adam Faaraah hubachiisan.

Xumurri Sosochii biyyaalessaa Ministeerri Nageenyaa Gurmaa’iinsa Dargaggootaa waliin mata duree “ Dargaggoota Nageenyaaf” jedhuun qopheesse gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti obbo Adam Faaraah, Ministira Ministeera Nageenyaa obbo Mahaammad Idriis fi Deetaawwan Ministirootaa dabalatee dargaggoonni guutuu biyyattiirraa walitti babba’an argamaniiru.

Obbo Adam Faaraah saganticharratti haasawaa taasisaniin, badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kutannoon hojjetamaa akka jiru kaasanii, dargaggoonni Itiyoophiyaa fooyyoftuufi badhaate ijaaruuf gahee olaanaa qabaachuu hubachiisan.

Dargaggummaan nageenya, misooma, guddinaafi badhaadhina mirkaneessuuf furtuu ta’uus ibsaniiru.

Dargaggoonni ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahataniif filmaatawwan garaagaraa qopheessuun hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Mahaammad Idiriis gamasaaniin, dargaggoonni nageenya eeguuf gahee isaanii bahachuun biyya dhaloota itti aanutti dabarsuuf hojjechuu qabu jedhan.

Imaanaa dhalootaa haalaan dabarsuuf gaheen dargaggootaa olaanaa waan ta’eef kutannoon hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Dargaggoonni hojiilee misoomaa hunda keessatti haalaan hirmaachuun ijaarsa biyyaalessaa eegalame keessatti gahee isaanii akka bahataniif xiyyeeffannoon hojjetaamaa jiraachuunis ibsameera.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.