Dargaggoonni uummata yaadama Badhaadhinaarratti ijaaruuf kutannoon hojjechuu qabu – Obbo Namarraa Bulii
Finfinnee, Amajjii 21, 2018 (FMC) – Dargaggoonni uummata yaadama Badhaadhinaarratti ijaaruuf kutannoon hojjechuu qabu Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Siyaasaa obbo Namarraa Buliin.
Naannoo Oromiyaatti Biiroon Dargaggoo Oromiyaa fi Jaarmiyaaleen dargaggoo waliin ta’uun akkaataa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa bara kanaa haqa qabeessa, bilisa,diimokiraatawaa fi nagaa gochuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Aadaa Diimokiraasii Obbo Mogos Ida’ee akka jedhanitti, Filannoon biyyaaleessaa Marsaa 7ffaa bara kanaa kan yeroo kamiiyyu caalaa bilisa,haqa-qabeessa fi nagaa taasisuuf kutannoonkan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
Dargaggoonni ammoo kana dhugoomsuuf gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Siyaasaa obbo Namarraa Bulii, waltajjicharratti akka jedhanitti, injifannoowwan waggoottan Jijjiiramaa darban keessa argaman keessaa tokko dirreen diimokiraasii akka bal’atu gochuun aadaan siyaasaa biyya keenya akka jijjiiramu taasisuun isa olaanaa ta’u himaniiru.
Tajaajila ummataaf kennamu qaqqabamaa taasisuuf gurmaa’insa cimaa sadarkaa gandaa cimsuusaatiin Paartiin badhaadhinaa aantummaan uummataa kan mirkaneesseedha jedhan.
Oomishaa fi Oomishtummaa guddisuu dabalatee Jijjiiramoota roga hundaan milkaa’aniif maddi yaadama Paartii Badhaadhinaati ta’uu eeraniiru.
Milkaa’inoota galmaa’an itti fufsiisuuf aadaa hojii fooyyeesuun,waantoota hojjetamaniis ogummaa, beekumsaa fi qulqullinaan raawwatamuu akka qaban kaasaniiru.
Akkasumas dargaggootni uummata yaadama badhaadhinaarratti ijaaruun diinagdee,barnoota fi sirna cimaa akka gonfatu gochuu qabdu jedhan.
Filannoo marsaa 7ffaa bara kanaa ilaalchisuunis filannichi bilisa,diimokiraatawaa, haqa-qabeessa fi milkaa’aa akka ta’uuf dargaggootni gahee isaanii bahachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.