Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsan damee Fayyaa Itiyoophiyaaf taasisu cimseen itti fufa – Ejensii Anniisaa Atoomikii

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2017 (FMC) – Deeggarsan damee Fayyaa Itiyoophiyaaf taasisu cimseen itti fufa jedhe Ejensiin Anniisaa Atoomikii Idil Addunyaa.

Daayrekterri Olaanaan Ejensichaa Maariiyaanoo Giroosiin Fooramii idil-addunyaa ‘Rays of Hope 2025’ waliingahiinsa wal’aansa dhibee kaansariirratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru cinaatti Hospitaala Xiqur Ambassaatti giddugala Yaala Carallaa daawwataniiru.

Ejensichi Ministeera Fayyaa Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu kaasuun, yeroo itti aanus galteewwan yaala fayyaa barbaachisan deeggarsa taasisuuf dhaabbilee tumsitootaa waliin kan hojjetan ta’uu daayrektarichi mirkaneessaniiru.

Meeshaalee galteewwan yaala fayyaa dabalataan tumsa teeknikaa fi leenjii taasisuu kan itti fufan ta’uu Maariiyaanoo Giroosiin ibsaniiru.

Hospitaalichi meeshaalee muraasaan tajaajila yaala dhibee Kaansanii kennaa jiraachuu kaasuun, hanqinaalee kanneen guutuuf waloon ni hojjenna jedhan.

Maraa’ol Kadiritu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.