Deeggarsi lammiilee sababa guutiinsa Laga Awaashiin buqqa’aniif taasifamu akka cimu gaafatame
Finfinnee, Hagayya 3, 2017 (FMC)- Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaalee garaagaraatti sababa guutiinsa laga Awaashiin lammiilee buqqa’aniif deeggarsi taasifamu cimee akka itti fufu Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa waamicha dhiyeessee.
Roobaa cimaa tibbana roobe hordofee lagni Awaash guutuun Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaalee sadii akkasumas Godina Shawaa Lixaa Aanaalee garaagaraa keessatti jirattoorraan miidhaa qaqqabsiseera.
Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa dhaabbilee tumsitootaa garaagaraa waliin ta’uun lammiilee sababa balaa lolaan buqqa’aniif deeggarsa meeshaalee garaagaraa taasiseera.
Hoggantuun Biirichaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaa, lammiilee sababa guutiinsa laga Awaashiin buqqa’aniif deeggarsa barbaachiisu taasisuuf hojjetamaa jira jedhan.
Waktitichi ganna ta’uu hordofee keessattuu Dubartootaa fi Daa’immaniif deeggarsi ni barbaachiisa jedhan.
Wayita ammaa rakkicha furuuf koreen hundaa’uun hojjetamaa jiraachuu eeruun, fuulduratti deeggarsi miidhamtoota giddugaleessa godhate ni taasifamaa jedhan.
Mootummaan Federaalaa, Naannoo fi dhaabbileen garaagaraa deeggarsa barbaachiisu akka taasisaniis gaafataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.