Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti makamuuf mariiwwan baatiiwwan torban darban keessa gaggeeffaman milkaa’oo turan- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Mudde 2, 2018 (FMC)- Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti makamuuf mariiwwan baatiiwwan torban darban keessa gaggeeffaman milkaa’oo turan jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa.
Waltajjiin marii adeemsa miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa irratti xiyyeeffate mata duree “ Itiyoophiyaa daldalaan walitti hidhuun gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu” jedhuun gaggeeffameera.
Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti makamuuf hojiileen baatiiwwan torba darbanitti hojjette tattaffii waggoota 22’f taasifame gara boqonnaa addaatti kan ceesisedha jedhan.
Bu’aaleen walga’iiwwan garee hojii 5ffaafi 6ffaan galmaa’an dandeettii raawwachiisummaa keenyaa kan agarsiisanidha jechuunis ibsan.
Riifoormii diinagdee mandhaleen fooyya’iinsi rakkoolee keessoo diinagdee biyyattii furuuf gaggeeffaman jijjiirama fiduu kaasanii, haaluma kanaan Itiyoophiyaan gara waltajjii marii Jeeneevaatti deebi’uu dubbatan.
Mariin Itiyoophiyaa miseensa dhaabbatichaa gochuu yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf kallattiin kaa’amee turuu ibsuun, hojiileen marichaaf barbaachisan hojjetamaniiru jedhan.
Gaaffiiwwan biyyoota miseensaa irraa ka’aniif haala faayidaa biyyattii eegsisuun deebiin kennamuus ibsaniiru.
Dhaabbileen raawwachiistuu mootummaa hammattoo seeraa irraa hanga hojiirra oolmaatti hammattoo seeraa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa waliin kan walsimu ta’uu isaa ariitiin adda baasuun fi hojimaatilee mijatoo ta’an hojiirra oolchuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuuf qophii akka xumuran yaadachiisaniiru.
Layikun Alamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.