Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbata jireenya hawaasa qonnaan bulaa jijjiiruuf hojjetaa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2017 (FMC) – Federeeshiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Qonna Oromiyaa jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuuf hojiilee qonnaarratti bal’inaan hojjechaan jira jedhe.

Federeeshinichi galteewwan qonnaa dhiyeessuun dabalataan daldala al ergii fi alaa galchuurratti hojjetaa jiraachuu Hojii Gaggeessaa Itti Aanaan Federeeshinii Waldaalee Hojii Gamtaa Qonna Oromiyaa obbo Alamaayyoo Tashoomaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.

Oomishaalee midhaan dibataa fi Buna baay’inaan gabaa alaaf dhiyeessuun galii isaa guddifachuurratti argama.

Oomishaa fi oomishtummaa bu’aalee beelladaa guddisuuf qorichaalee fayyaa beelladaa alaa galchuun hawaasa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaaf dhiyeessaa akka jiru himan.

Akkasumas dhaabbatichi maashinaroota qonnaa adda addaa alaa galchuun gatii madaallawaan qonnaan bultootaaf dhiyeessa jedhan.

Warshaa Biqilaa Biiraa Asallaa Birrii biiliyoona 1.5 Mootummaarra bituun qabeenya dhuunfaa isaa godhateera kan jedhan obbo Alamaayyoon, warshichi oomisha Garbuu qonnaan bulaarraa gatii madaalawaan bituun gahee isaa bahachaa akka jiru kaasan.

Waggaatti Garbuu gara kuntaala kuma 500 qonnaan bulaarraa bituun carraa gabaa garbuun qabu dabaluun qonnaan bulaan oomisha isaarraa fayyadamoo akka ta’u qooda isaa bahachaa jira jechuun dubbatan.

Federeeshinichi Warshaa Boqqoolloo Daakuu guddaa Magaalaa Duukamii fi Mankuusaawwan bakkeewan adda addaa qabaachuus ibsan.

Waliigalaan Federeeshiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Qonna Oromiyaa qabeenya guddaa horachaa akka jiruu fi hojiilee jireenya hawaasa qonnaan bulaa bu’uurarraa jijjiiran bal’inaan hojjetaa akka jiruudha obbo Alamaayyoon kan ibsan.

Maatii qonnaan bulaa harka qalleeyyii kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti argamaniif deeggarsa adda addaa taasiisuun aantummaa isaa agarsiisaa akka jirus eeraniiru.

Federeeshinichi Waajjira muummee abbaa darbii 7 Birrii miiliyoona 400’n Finfinneetti bitachuu eeruun, akkasumas yeroo ammaa Finfinnee naannoo Agamsaa (Markaattoo) gamoo guddaa abbaa darbii 19 ijaaruuf qophiin xumuramuu himan obbo Alamaayyoon.

Dhaabbata Qonnaan Bultootaan hundaa’ee jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruuf hojjetuudha jedhan.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.