Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi rakkoo keessa ture keessa bahuun hojiilee bu’aa qabeessa hojjechuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 18, 2017 (FMC) – Waldaan Aksiyoonaa Waraqaafi paalpii Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf rakkoo keessa ture keessaa bahuun hojiilee bu’aa qabeessa hojjechuu eegale jedhe.

Yeroo ammaa namoota 410’f carraa hojii uumuun hojii boonsaa biyya fayyadu hojjetaa jiraachuu Hoji gaggeessaan waldaa aksiyoona waraqaafi paalpii Itiyoophiyaa obbo Baay’isaa Tamasgeen himan.

Waraqaa barreeffamaa, Kaartooniifi paalpii hojjechuun biyyaaf tajaajila kennaa jiraachuu ibsan.

Oomishaalee waraqaafi kaartooniin cinaatti lafa hektaraa 30 gara qonnaatti jijjiiruu qaala’insa gabaa tasgabbeessaa jiraachuus kaasan.

Waldaalee IMX,qulqullinaa,fe’uufi buusuufi waldaa galtee dhiyeessan hundeessuun dargaggoota naannawaaf carraa hojii uumuu eeran.

Oomishaalee wabii nyaataa mirkaneessan kanneen akka oomisha Avookaadoo,Muuzii, Buna,Paappayyaa,loomii,Burtukaanaafi kan biroo oomishaa jiraachuus eeraniiru.

Adeemsa amma irra jiruun yoo itti fufes jijjiirama biyyaa keessatti shoora olaanaa akka bahatu hojjettoonni dhaabbatichaa kaasaniiru.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.