Dhaabbileen daldalaa Faransaay fi Awuroopoaa Naannawa Daldala Bilisaa Dirre Dhawaa keessatti hojii akka eegalan waamichi dhiyaate
Finfinnee, Onkoloolessa 25, 2018 (FMC) – Dhaabbileen daldalaa Faransaay fi Awuroopoaa Naannawa Daldala Bilisaa Dirre Dhawaa keessatti hojii akka eegalan waamichi dhiyaate.
Hojiraawwachiisaa Olaanaan Korpooreshinii Paarkiiwwan Indaastirii Doóktar Fissahaa Yittaaggasuu abbootiin qabeenyaa fooramii investimeentii Itiyoophiyaanfi Awurooppaa Paaris Faransaayitti geggeeffamaa jiru irratti argaman waliin mari’atanooru.
Dooktar Fissahaan wayita kana abbootiin qabeenyaa kunniin Naannawa Daldala Bilisaa Dirre Dhawaatti qabeenya fi beekumsa isaanii hojiirra oolchuun yoo murteessan Korpooreeshinitti bu’uuraalee misoomaa sadarkaa eeggatanii fi tajaajila iddoo tokkoo akka dhiyeessu ibsaniiru.
Fooramicha irrattis filannoowwan investimeentii Itiyoophiyaan damee geejjibaan, loojistiksii fi bu’uuraalee misoomaan qabdu ibsaniiru.
Damee geejiibaa fi loojistiksii guddina investimeentiiwwan tarsiimawoo biyyaalessaa Itiyoophiyaatti baballachaa dhufan deeggeruuf barbaachisan investimeentii kallattii alaaf banamuu isaaniis hubachiisaniiru.
Zoonota Indaastirii Korpooreeshinitti bulchu 14 keessatti dhaabbileen daldalaa 200 caalan hojiirra jiraachuus ibsaniiru.
Dhaabbileen kunniin lammiilee kuma 100 ol ta’aniif carraa hojii uumamuu Ittigaafatamaan qajeelcha Kominikeeshinii Korpooreeshinichaa Faanaa Dijiitaaliitti himaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.