Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Jaappaan filmaatawwan invastimantii Itiyoophiyaa keessatti akka bobba’an waamichi dhiyaate

Finfinnee, Amajjii 4, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos dhaabbileen Jaappaan filmaatawwan invastimantii Itiyoophiyaa keessatti argaman irratti akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos jila garee daldalaafi invastimantii Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Jaappaan Kuuniimiitisuu Ayyaanoon durfamu waliin mari’ataniiru.

Dooktar Geediyoon wayita kana Itiyoophiyaafi Jaappaan biyyoota hariiroo seena qabeessa qaban akkasumas waltajjiiwwan gamlameefi gamhedduu irratti tumsa qabaachuu ibsuun, deeggarsa biyyattiin Itiyoophiyaaf taasistuuf galateeffataniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii daldalaafi invastimantiin fooyya’aa dhufuu kaasanii daran cimuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dabalataan jila garee daldalaa Jaappaaan 48 dhaabbilee Jaappaan 35 irraa walitti babba’aniif filmaatawwan invastimantii fi daldalaa Itiyoophiyaa irratti ibsi kennamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Jaappaan Kuuniimiitisuu Ayyaanoon gama isaaniin, hariiroo Jaappaan fi Itiyoophiyaa daldalaafi invastimantiin cimsanii itti fufuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Guyyaa boruu fooramiin daldalaa Itiyoo-Jaappaan kan gaggeeffamu yoo ta’u fooramichi hariiroo daldalaafi invastimantii biyyoota lameenii cimsuu keessatti qooda olaanaa akka qabu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.